Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu’ursaan Wiikii Liiks Irratti Himannaan Gudeeddii Dhiyaate


Abbotiin alangaa Siwidiin bu’ursaa Wikiliiks kan ta’e Juliyaan Assaany irratti himata humnaan gudeeddii irra deebi’anii bananii jiran.

Stookoolm keessatti oduu gabaastota kan dubbisa Eva-Marie Piirson akka jedhanti Assaany humnaa gudeeddii kana raawwaachuu isaaf shakkamuu kan qabu yoo ta’u kanaafis gaaffiif dhiyaachuu qaba.

Daayreekteera himannaa uummataa kan ta’an piirson Assaanyiin amma Briteen irraa Swiidinitti dabarsanii kennuuf haalli dandeesisuu jira.

Garuu inni lafa itti barbaadamaa jiru Swidiiniitti ykn yunaaytid Isteetistti dabarsitee kennuuf Briteen murteessuu qabdi.

Himannaa gudeeddii Siwidin dhiyeessite Assaany maqaa isaa qulqulleessuu akka danda’uuf carraa gaarii ta’u gulaalaan wiikii Liiks Kristiin Rafnsson beeksisanii jiru.Assaanyi Baatii darbee eega hidhamee booda Swiidiin qorannaa akka irratti deebitee bantuuf dhiibbaan siyaasaa gaggeeffamaa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG