Somaalticha Amerikaa godina Virjiiniyaa jiraatu tokko jabana mootummaa Sayid Barree keessa ilmaan namaatti taphachaa bahe jedhanii himachuutti jiran.
Yuusuf Alii Abdii durii mootummaa Sayid Barreetti itti gaafatamaa waraanaa tahee hojjachaa bahe, kalee mana murtii federaalaa Alekadnridaa Virjiiniyaatti himatan.
“Ani bara 1988 diqquma harka Yuusfu Aliitti hin du’in,” jedhee mana murtiitti himate namii Soomalee Mohaammad Farhan Mohamoud Tani Warfaa jedhan.
Namii himatan kun jabana Siyaad Barreetti itti gaafatamaa waraana Soomalee birgeedii 5essooti.
Birgaaderii sun Somaaliilaandi cittee baatu tohata. Yuusufiin himatan kun akka namii isa himate jedhetti ijoollee kahimaa walti qabee wayaa irraa yaasee waan fedhe tolcha horii baasee bahe.
Yuusfu mootummaan Siyaad Barree gara galee jennaan,baqatee Kanaadaatti gale.
Wanjala innii hojjate irratti beekanii Kanaadaan himattee Amerikaatti ufi irraa galachite. Ganna 20 Amerikaa jiraatee amma himatan.Abukaatoon isaa ammoo waan himataniin kana uya mormeef