Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Ce’umsa Sudaan Hundeessuuf Walii Galteen Irra Ga’ame Abdii Fi Shakkii Uume


Hiriirtonni mormii Sudaan walii galtee kaleessa halkan waraanaa gidduutti irra ga’ame kan mootummaa ce’umsaa waggoota sadii hundeessuu abdii fi shakkii dhaan simatan.

Gareen mormituu DFCF jedhuu fi gumiin waraanaa kan yeroo ce’umsaa kana kan labsan kaleessa galgala ture.

Gareen lamaan yaada adda addaa jechuun mormitoonni filannoon geggeessamuu dura yeroon ce’umsa waggaa afur ta’uu qaba yoo jedhan waraanni immoo waggaa lama fedha.

Aangoo qooddannaan gumiin walabaan hojjetu kan ministerotaa fi seera tumtoota of keessaa qabu akka ta’u walii galame. Gareen mormituu DFCF barcuma paarlaamaa 300 keessaa keessaa harka lama qabata, garuu gareen inni kam sivilii ykn waraanni irra jireessa ta’uun hamma filannoo bara 2022tti akka hoogganu hin beekamin jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG