Xurree ittiin seenan

Breaking News

Agarsiisi Waraanaa Ameerikaa Iraaniif Ergaa Mul’ataa Dabarsee Jira


USS Arlington
USS Arlington

Eeyee agarsiisa humna waraanaa, agarsiisa Iraaniif ergaaa mul’ataa dabarse ture. Dachii irraa misaayila kan dhukaasan ergamaniiru.

Dooniin humna galaanaa US kan USS Arlington jedhamu xayyaara boombii darbu afur kan B-52 akkasumas doonii xayyaara baatu kan USS Abrham Lincoln jedhu waliin ta’uu dhaan bobba’uuf jiru.

Ajajawwan waraanaa erga doorsisi qabatamaan dachii fi galana irraa Iraan biraa humnootii Ameerikaa naannoo sanaa dhaqqabee booda humni itti dabalaa akka ergamu gaafatan. Itti aanaa ministrii ittisaa US Pat Shanahan akka jedhanitti Iran Lammiiwwan Ameerikaas ta’e qabeenyaa isaanii haleelti taanaan deebii barbaachisaan akka kennamuuf hubachuun barbaachisaa dha.

Angawaan waraanaa US gameeyyiin tokko akka jedhanitti Iraan biraa yaaddoon haleellaa waraanaa dhiyaate keessaa tokko humnoota ishee Iraan Islamic Revolutionary Guard Corps jedhaman misaayila waraanaa dabalatee hidhachiistee jirti jedhu angawaan waraana gameeyyiin tokko. Haa ta’u malee angawaan ol aanoon garee farra ISIS tokko immoo

Mallattoo doorsisaa wayii maaltu argame jedhan.

Angawoonni akka jedhanitti US waraana hin feetu garuu humnootii Ameerikaaf eegumsa ni gooti jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:50 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG