Bakka-bu’oonni, ka Mootummaa Venezu’eelaa fi ka mormitootaa, wal-dura dhaabbannaa biyyattii Ameerikaa Kibbaa danqaa dinagee fi siyaasaa keessa galchee jirutti furmaata barbaacha, mariif gara Noorweyitti imalanii jiran.
Aangawoonni Venezuweelaa akka jedhanitti, ka mootummaa Prezidaant Nikoolaas Maaduuroo bakka-bu’ee deeme – ministara odeeffannoo Jorhgee Roodiriigez yoo tahu, ka jila mormitootaa hoogganee deeme immoo Istaaliin Gonzaalez tahuun beekamee jira.
Waraanni biyyattii akka prezidaant Maaduuroo irratti ka’u waamicha namni prezidaantummaa ofii labsatan – hoogganaan mormituu – Juwaan Guhiidoo waamicha dhiheessan eega fudhachuu didee booda, marii araaraa Noorweyitti saganteessametti gam lameenuu hirmaachuuf deeman.