Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Kaleessa Kaartuum Keessatti Humnoota Mootumaa fi Mormiitootaa Edduutti Uummameen Namoonni Miidhaman


Kaleessa magaalaa Kaartum keessatti walitti-bu’insa humnoota naga-eeegumsaa fi mormitoota gidduutti uumameen yoo xiqqaate namoonni saddeet eega madaa’anii booda, gumiin humna waraanaa biyyattii bulchaa jiru, marii waa’ee mootummaa cehumsaa hoogganoota mormitootaa waliin jalqabe dhaabuu isaa beeksise.

Jeneraal Abdel Fattah Al Burhaan har’a ibsa kennaniin, araar-teessonni waa’ee mootummaa cehumsaa irratti dubbataa turan, dhukaasa kaleessaa sanaa booda, sa’aatiilee 72 darbaniif marii sana dhaabuu isaanii labsan. Dhukaasa sanaafis mormitoota, kanneen danqaalee daandiilee guguddoo Kaartum keessaa ittiin cufan kaasuu didan – jedhan balaaleffatan.

Hiriira mormii yeroo dheeraaf Sudaan keessatti geggeessamee fi hoogganaa biyyattii duraanii – Omar Hasan Al Bashir taayitaa irraa buusisetti fufee baatii dabre, yeroo mormitoonni waajira waraanaa guddicha dura taa’uun mormii isaanii dhageessisan ture – kan daandiileen guguddoon sun cufaman.

Humni waraanaa biyyattii, baatii dabre, Ebla 11, bara 2019 taayitaa irraa buuseyyuu, akka humni waraanaa mootummaa cehumsaa Siiviliitti aangoo dabarsu gaafachuun – karaa cufuunii fi taa’umsaan mormii dhageessisuun ittuma fufee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG