Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp, waa’ee godaantotaa biyya isaanii keessaa irratti karoora qaban, ka yeroo dheeraaf eegamaa ture har’a labsu – jedhamee eegamaa jira. Karoorri Prezidaant Traamp kun, deemsa ehama godaantotaa, kan hidhata maatiif fi rakkoo namoomaa dursa kennu irraa sababaa adda taheetti ka fuuleffatu akka tahes himamaa jira.
Karoorri prezidaant Traamp har’a waaree booda kana Waayit Haawus irraa akka ibsamu eegamaa jiru kun, akka aangawaan bulchiinsa Traamp tokko ibsanitti, godaantota barnootaa fi oguma sadarkaa ol’aanaa qabaniif carraa gaarii bana – jedhama.
Lakkoobsa godaantota ehama jireenya dhaabbataa yokaan Griin Kaardii argatanii, waggaatti gara miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootti akka murteessullee himamee jira.