Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warra Dandeetti Addaa Qabanii fi Hedduu Gumaachuu Danda’an Carraa Aragachuu Qabu: Prez. Traamp


Caasaa Immigreeshinii Amerikaa madaalawaa kan ammayyaa fi kan seeraa ta’e kaleessa prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp labsanii jiru.

Karoora ykn ulaagaa tokko malee nama guuranii fiduun sirna jiruu fi jireenya Amerikaa faalleessuu bira darbee godaantoota dandeetti addaa qaban kan hedduu gumaachuuf carraa dhorkuu ta’a jechuun prezidaant Traamp kamiisa kaleessaa waayit Haawus irraa dubbatan.

Caasaa Immigreeshinii ofii kan ilaaleen ibsa kan kennan Traamp hidhata maatii fi gargaarsa dhala namaan namoota Amerikaa seensisuu mannaa kanneen qarooma qabaniin gaarii ta’an addunyaa irraa seensisuu kan jedhun bakka buusan.

Traamp akka jedhanti mormituu kan ta’an Dimokraatonni daangaan akka banamuu, mindaan xiqqaan hojjachisuu fi Amerkaa biyya seera dhabblee taate gochuuf yaada dhiyeessan jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG