Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Haleellaan Dogoggoraan Gaggeeffame Lubbuu Galaafate


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Afgaanistaan kutaa Helmand irraatti waraanni biyyoota alaa haleellaa samii irraa dogoggoraan gaggeesseen humnootii waraana mootummaa 17 galaafatee 14 madeessee jira.

Angawaan nageenyaa naannoo eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan har’a Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti lakkoofsa namoota du’an jedhamee mirkaneessan.Haleellaan kun magaala kutaa biyyaa kan taate Lashkar Gah bakka humnootiin polisii loote seentoota Taalibaan waliin wal waraanaa turanti dhaqqabe.

Kaawunsilii Kutaa Helmandiif hogganaa kan ta’an Attullah Afghan VOAf akka ibsanti haleellaa dogoggoraan gaggeeffame Kanaan ajajaa humnootii polisii kan eegumsa karaawwan gurguddoo kanneen ajjefaman kana keessa jiru.

Jalqaba irratti ministriin haajaa biyya keessaa kan Afgaanistaan ibsa baasaniin walitti bu’iinsa uumameen polisoota 8 fi kanneen biroo 11 madeesse jedhe.Qorannaanis gaggeeffamaa jira jedhee ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG