Yunaaytid Isteetes mi’a Chaayinaa gurgurtaaf Amerikaatti ergitu kan Doolaara Biliyoona 200 gaafatu irratti dilaala harka 10 hanga 25 ta’u dabaltee jirti.
Chaayinaanis gama isheen meeshaalee Amerikaa biyya ofitti seensiiftu hanga tokko irratti dilaala kan dabaltee yoo ta’u kunis haaloo ba’uuf akka hin ta’iin ibsamee jira.
Inumaayyuu Chaayinaan karaa biraan irree ishee agarsisaa jirti.Haala hin eegaminiin foon Boyyee Amerikaa irraa biyya ishee galchaa turte kan Doolaara Biliyoona 6.5 ta’u hanqisuun oomshtoota Foon Boyyee kan Amerikaa irratti dhiibbaa geesisaa jirti.
Chaaynaan foon boyyee Amerikaa irraa biyya isheetti galchuun addunyaa irratti sadarkaa lammataa irra turte.Chaayinaan tarkaanfii kana hin fudhatti jedhamee kan eegame yeroo dhukkubii Boyyee Afrikaa irraa madde kan Swaayin Flu jedhamu biyya ishee seene sanatti ture.
Gabaasaaleen hangi tokko akka jedhanti Qonnaan bultonni chaayinaa kanneen Boyyee horsiisan sadii keessaa harki tokko jalaa dhumuuf jiru.