Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taayiwaan Fudhaa fi Heeruma Saala Wal Fakkaataa Gidduu Raggaasiifte


Paarlaamaan Taayiwaan har’a sagalee kenneen fudhaa fi heeruma namoota saala wal fakkaataa giddutti gaggeeffamu raggaasisee jira.

Biyyoota Eshiyaa keessatti dhimmi akkasii irratti sagaleen ennaa kennamu ykn raggaasifamu kun kan jalqabaa ta’u isaati.

Seera tumtoonni Taayiwaan caalmaa sagaleen seera lana kan raggaasisan yoo ta’u namoonni saala wal fakkaataa jaalalleewwan isaanii waliin sirna hidhata dhaabbataa ykn fudhaa fi heeruma waajiraalee mootummaa keessatti akka gaggeeffatan ehama.

Taaywaan keessatti waggoota dheeraaf deggertii seeraa akka argatuuf namoonni haala akkasii keessa jiran duula gaggeessaa kan turan yoo ta’u raggaasifamuun isaa akka injifannoo guddaatti ilaalamee jira.Gaa’iila dhiraa fi dubartii giddutti gaggeeffamuun qixxee mirgii nu kennamuu qaba jechuun gaafataa turan.

Yaada irratti cichitoonni garu seerri kun akka fudhatama hin arganneef baatilee hedduuf carraaqaa kan turan yoo ta’u sagalee barbaachisu hin argatiin hafuun milkaa’iina dhaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG