Amerikaan biyya fardaati.Fardoo miliyoona 9.2 qabdi.Farda kaan waan hedduun tolfatti. Dorgommii fardoo Amerikaa beekamtuu sadiitti jira.
Kentucky Derby, Preakness Stakes fi Belmont Stakes.Marro marroon dorgoman.Dorgommii kalee farda qolchaaWar of Will,jedhan ka Tyler Gaffalione jedhanitti moo'e.
Farda qolchaa fi teettoo fardaa bebeekamaa walti filan.Fardoo tana diida bal’aa dhoqqeessan walti gadi dhiisan.
Kentucky Derbii torbaan sadiin duratti godina Kentucky magaalaa Louisville keesastti dhumatte.
Preakness kalee godina MD,Baltimmore keessatti wal dorgoman War of Will cufa qolchee moo’e.
Dorgommii Balmon torbaan sadiin duubatti New York keessatti wal dorgoman.
Dorgommii kalee tana fardoo 13tti diida Pamlico Race Course Baltimore irratti walii yaa’ee km 1 fi metirtii 900 irratti wal qolche.
Dorgommiin Preakness tun 144essoo. Tyler Gaffalioneti fard ufii War of Will qolche.
Akkuma fardoo walti gadi lakkisaniin fardii ganna 3 tokko Bodexpress abbaa isa yaabbate, John Velazquez balbala irratti dhoqqee keessatti lafaan dhahee biraa gale.
Fardii abbaa buuse kun lafaan dhahee fardoo jalatti hidhatee eegee fala jabaan qaban.
Velazquez lafaan dhahan kun dhoqqee dhadhahatee “fardii mataan naan badee akkuma walti nu gadi dhiisaniin oli na darbatee lafaan na dhahee ammoo womaa hin taane,” jedhe kahee deeme.
Fardii lammeesoso bahe, Everfast,, sadeessoon Owendale,Warriors abressoo Charge, shaneessoon annii Laughing Fox.
Abaan dorgommii tana moo’e dorgommii fardoo ta Kentucky Derbiif qophaaha. Abbaan moohe dooalra miliyoona 1 fi wayii harata.
Fardoon Amerikaa tun haga metiri lamaa fa dhedheerattii sanyii farda qolchaa baduu dhowwatani labratory keessa oli keeyyatani.
Fardii dansaan haga dooalra 10,000 baasa.
Fardoo tana sanyii walti makahani horatan dhaabbilee fardoo akkanaa leenijftuu fi horattu hedduutti jira