Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoon Waayit Haawus Duraanii Ajaja Traampiin Mana Mareetti Dhiyaachuu Hafan


Abukaatoon White House duraanii Doonaald Megeen koreen murtii haqaa mana maree bakka bu’oota uummataa jiddu seeninsa Raashiyaa irratti har’a dhiyaatanii dhugaa akka ba’an waamicha isaan ga’ee hin simatin hafan.

Daan Megeen haa dhiyaatan kan jedhame Raashiyaan filannoo US gidduu seenuu isee qorataa kan turan abbaa alangaa addaa Roobert Miyuler hojii irraa akka ari’an prezidaant Doonaald Traamp ennaa isaan ajajan maal akka waliin jedhan akka dhugaa ba’aniif ture.

Irra jireessi dimokraatota miseensa kan ta’aniif koreen mana maree bakka bu’ootaa Megeen utuu hin argamin wal ga’an.

Megeen ajaja white house biraa isaan dhaqabeen utuu hin dhiyaatin hafan. Ministriin murtii haqaas manni maree dhugaa akka ba’aniif dirqisiisuu hin danda’u erga jedhee booda kan isaan dhiyaachuu dhaban.

Dura taa’aan koree sanaa Jereed Naadiler megeen hafuu isaaniitti mufachuu dhaan yoo barbaadan dhiyaatanii yoo hin feene hin hafan, ajaja mana murtiitiin dirqiitti ni dhiyaatu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG