Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Giddu Galeessa Bahaa Balaaf Saaxilaa Jirti: White House


\
\

Iraan giddu galeessa bahaa irra soda waraanaa keesseetti kan jedhu yaada Waayit Haawus irratti angawoonni bulchiinsichaa gameeyyiin har’a miseensota mareef cufata dhaan ibsa kennuuf jiru.

Gara biilsa mana maree dhaquu dhaan ibsa kanneen kennan keessaa ministrii dhimmi alaa Mike Pompeo, eeggataa ministrii ittisaa Patrik Shanahaan fi ajajaa waraana walii gala Jeneraal Jooseef Daannford keessatti argamu.

Torban darbe buufataaleen boba’aa Saaud Arabiyaa lama irra haleellaa ga’ee fi sana dura immoo dooniiwwan Saaudii boba’aa fe’an afur irra miidhaa ga’eef itti gaafatamtuun Iraani jechuu dhaan angawoonni Yunaayitid shakkaniiru.

Prezidaant Traamp kaleessa ennaa dubbatan Iraan ejjennoo fedhii dubbii tuqachuu hamaa qabattee turteetti, Ameerikaan immoo humna guddaan ofi irraa deebisuu malee filannoo ka biroo hin qabdu jedhan.

Muddamni giddu galeessa bahaa hammaataa waan deemeef Jeneraal Danford bor gara Brusselsitti imalanii miseensota jaarmolii waalii galtee Atlaantik kaabaa waliin mri’achuuf kan turan karoora imalaa hambisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG