Torban kana keessa kutaalee Yunaayitid Isteetis hedduu keessatti ulfa of irraa maasuu ka mootummoonni naannolee biyyattii hedduun seerawwan mirga ulfa of irraa baasuu daangessan baafataniin jajjabaachuu dhaan suuta suutaan seera manni murtii muummichi Unaayitid Isteetis bara 1973 baase kan dubartoonni ulfa of irraa baasuun mirga heerri eeyamu jedhu dhura dhaabachuu dandeenya abdii jedhu itti horee jira.
Kun immoo kanneen ulfa of irraa baasuu deggeran aarii dhaan kakaasee utuu filannoon prezidaantummaa bara dhfuu hin geggeessamin dura dhimmi kana wal falmii siyaasaa keessatti iddoo ol aanaa qabsiisaa jira jedhama. Uummata Ameerikaa biratti waa’een mirga ulfa baasuu dhimmoota addaan qoodamiinsa siyaasaa uuman keessaa tokko akum tahetti.