Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Aariin Guutaman Traamp Dimokraatota Waliin Marii Geggeessuuf Tole Hin Jedhin Hafan


Prezidaant Doonaald Traamp hanga dimokraatonni bulchiinsa isaanii irra dogoggora barbaaduu dhaabanitti seera ilaalchisee waliin hojjechuu nan dhaaba erga jedhanii booda white House fi kongresii gidduutti mariin kaleessa geggeessamuuf ture hafee jira.

Kanneen kutaa marii sana keessa turan akka jedhanitti Traamp seera tumtoota harka fuuchuus haa ta’u marii dimokraatotaa waliin waajjira isaaniitti waamameef gad ta’uuf tole hin jedhin hafan.

Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’otaa Naansii Peloosii illee Traamp balleessaa isaanii dhoksuu fedhu ittiin jechuu isaaniitiin qeeqanii jiran.

Kan aariin isaanii mul’inatti irraa beekamu Traamp daqiiqaa sadii booda bakka sanaa deemuu dhaan gara “Rose Garden” dhaqanii tuuta oduuf ibsa kennaniin ani waanan dhokse hin qabu jedhan.

Dimokraatonni marii ganamuma sana geggeessaniin waa’ee prezidaantiin aangoo irraa bu’uu barbaadu jechuun mari’atan jechuun qeeqaan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG