Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Ameerikaa Kampanii Telekominikeeshinii Chaayinaa Qeeqan


Ministriin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Maayik Poompeewoo hoogganaan kampanii telekominikeeshinii Chaayianaa guddicha kan Huaaweeyii waa’ee hariiroo kampaniin isaanii mootummaa Beejiing waliin qabu ilaalchisee ni kijiban jechuun qeeqan.

Poompeewoon gaaffii fi deebii caasaa oduu CNBC waliin har’a geggeessaniin akka jedhanitti Huaaweeyiin Chaayinaa qofa utuu hin taane paartii koministeii waliin illee hidhata qaba jedhan.

Itti dabaluu dhaanis hidhati jara lamaanii odeeffannoo lammiiwwan Ameerikaa caasaalee isaanii keessa darbu balaaf saaxila jedhan.

Kampaniin telekominikeeshinii guddichi kun teeknooloojii 5G jedhamu kan uume yoo ta’u interneetiin daran saffisaan akka hojjetu kan gargaaru caasaa adduyaaf kontraata galamu inijfachuuf yaalii gochaa jira.

Torban darbe kampanileen Ameerikaa Huaaweeyii waliin hariiroo daldalaa akka hin uummanne ugguruun waraana daldalaa Chaayinaa waliin jiru hammeessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG