Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggeraan Talibaan Lammiin Ameerikaa Hidhaa Dhaa Gad Dhiisame


Faayilii - Joon Waaker
Faayilii - Joon Waaker

Lammiin Ameerikaa Talibaaniif deggersa gochaa ture jechuun itti murtaa’e hidaa dhaa gad dhiisamee jira.

Joon Waaker Lind waggoota 20 itti muramee ture keessaa waggoota 17 erga hidhamee booda mana hidhaa Terre Haute, kutaa Indiyaanaa keessaa kan gad dhiisame kamisa har’aa ture.

Lind kan qabame ennaa Yunaayitid Isteetis bara 2001 Keessa Afgaanistaniin weerartetti.

Lind kan himatame mana murtii federaalaatti ture. Bara 2002 keessa Lind Talibaaniif deggersa gochuu isaa amanee jira. Lind ga’eessa umuriin waggaa 38 yoo ta’u ennaa umuriin isaa waggaa 16 ture amantii Kaatolikii irraa gara Islaamummaatti kan jijjiirame.

Umurii isaa waggaa 17tti gara Yemenitti imaluu dhaan afaan Arabaa barate. Sana booda gara Paakistaanii fi Afgaanistaanitti imalee mooraa leenjii al-Qaida keessatti fedhii ofiin Talibaaniin deggeraa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG