Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajiilli Eegumsii Fayyaa Sadarkaa Addunyaatti Foyya’iinsa Agarsisee Jira: Dr. Tedroos Adhaanom


Sirna baniinsa gumii fayyaa kan sadarkaa addunyaa Jeneevaa keessatti gaggeeffame irratti haasawaa kan dhageesiisan daayreekteerri walii gala kan jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Tedroos Adhanoom waggaa tokko keessatti sababaa du’aa fi dhukkuba addunyaa hanqisuu irratti jijjiramnii guddaan argameera jedhan.

Waggaa tokko dura hogganaa jaarmayaa fayyaa addunyaa (WHO) ta’uuf duula gaggeessaa kan turan Dr.Tedroos Adhaanom tajaajiilli eegumsa fayyaa kan addunyaa walii-galaan jijjiramuu akka qabu jabeessanii dubbataa turan.

Kunis addunyaa fayyaa fi nageenyii uummata ishee keessatti eegame qabaachuuf gargaara jedhan. Hundeen jijjirama kanaas caasaa tajaajiila eegumsa fayyaa kan bu’uraa qabaachuun ala milkaa’uu hin danda’au jedhan Dr Tedroos.

Gama kaaniin Ripaablikii Demokraatawaa Kongoo keessatti dhukkubii Iboolaa nama 1738 qabee 1218 ajjeesuu isaa fi kanneen lubbuun hafan 120 qofa ta’uun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:47 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG