Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummittiin ministeera Briteen Tereesaa Meey aangoo isaanii gadhisuuf kan jiran ta’u beeksiisan


Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa haala itti baatu kan ilaaleen yaada dhiyeessan Tereesaa Meey miseensonni paarlaamaa amansisuuf yeroo sadii yaaliin godhan deggersa waan dhabeef jecha ta’uun beekamee jira.

Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa ba’u ilaalchisee adda addummaa paartilee giddutti uumameen hogganoonni yaada irratti cichitootaaf sababaa aangoo gadhisuu yeroo ta’u Teresaa meey nama sadaffaa dha. Kunis Maargareet Taachar fi Deevid Kameruunti aansuun ta’u isaati.

Finciila paartilee fi miseensoonni kaabinee hedduun aangoo gadhiisuun kan isaan mudatee Tereesaan jimaata har’a akka aangoo gadhisuuf jiran labsan.

Garu jarreen yaada cichitootaa hogganaa haaraa hanga filataniitti akkasumas baatii waxabajjii dhufu prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp daw’annaaf Briteen dhaqabii haga deebi’aniitti aangoo irra kan turan ta’u Tereesaan beeksisanii jiru.

Angoo gadhisuun kun Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa attamitti, yoom fi waliigaltee attamiin akka ba’uuf jirtu waan ibsu hin qadu jedhu kanneen keessaa beekanii fi xiinxaltoonni.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG