Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Guyyaa Walabummaa Ishee Itti Argatte Waggaa 28ffaa Har’a Kabajaa Oltee 


Ayyaana kana sababaa godhachuun wellistuu fi taatoon filmii kan Amerikaa Tiffany Haddish kaleessa agarsiisa daandilee irraa Asamaraa keessatti dhiyeessitee jirti.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad dhaamsa baga gammaddanii erganiin kan waggoota dheeraaf addaan citeE ture hariiroon biyyoota lameeni yeroo ammaa wal amantaa fi fedhii biyyoota lamaanii hundee godhachuun haala gaariin itti fufuu isaaf gammachuu itti dhaga’ame ibsanii jiru.

Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp guyyaa walabummaa Ertraa waggaa 28ffaa ilaalchisee dhaamsa baga gammaddanii uummataa fi mootummaa Ertraaf erganii jiru.

Traamp, prezidaantii Ertraa Isaayaas Afawarqiif fayyaa guutuu akkasumas Uummata biyyattiif nagaa fi dagaagiina hawwuu isaanii marsariitiin mootummaa Ertraa kan ta’e Shabaayit gabaasee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG