Paartiin “ye Itiyoophiyaa Zegooch Le Mahbaraawii Fitif” jedhamu miseensoota koree hojii rawwachiiftu isaa ifa godhee jira.
Kanneen filataman hundaa caalaa ga’umsaa fi dandeetti isaaniin ta’u dura ta’an paartichaa ibsanii jiru.
Hojiin dursaa kan paartichaa biyyatti keessatti tasgabii buusuuf hojjachuu akka ta’e ibsamee jira.
Torban lama dura gumii hundeeffama isaa kan geggeesse paartiin “Ye Itiyoophiyaa Zeegoochi le mahiberaawwii Fitih” koree hoji raawwachiiftuu isaa ifa godhee jira.
Paartiin kun hojiin isaa duraa tasgabii biyyaaf hojjechuu akka ta’e ibsameera. Dura taa’aan paartii kanaa obbo Yeshiwaas Asaffaa kanneen muudaman eega beeksisanii booda kanneen har’a muudaman umurii guutuu aangoo irra hin turan jedhan.
Kanneen as jirru martinuu nu caalaa uummataaf kanneen bu’aa buusaniif bakka gadhiisna jedhan. hojiin muudamaa kun kan gaarii hojjete kan itti faarfamu kan balleesse immoo kan itti gaafatamu ta’a jedhan. Ulaagaa ittiin namoonni filataman illee obbo Yeshiwaas ennaa ibsan innii duraa dandeettii dha. Paartii kana ceessisuu danda’u. kallattii qabsoo tokko qofaa miti. Wareegamni hedduun kan itti kaffalame baay’een mana hidhaatti kan itti dararman, kaayyoo kana gara fuula duraatti tarkaanfachiisuu danda’u jennee filanne jedhan.