Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Tigraayii Fi Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Bilisummaa Eertraa Irratti Ejjennaa Hin Jijjiiramne Qabu: Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el


Itti aanaa prezidaantiin bulchiisa naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el Caamsaa 20 jijjiirraan mootummaa itti geggeessame waggaa 28ffaa sababeeffachuu dhaan haaaa dhageessisaniin ayyaana kana ennaa kabajnu kaan diigamee kaan bakka bu’uu utuu hin taane yeroo ammaa sirni keenya balaa irra bu’eera, uummati keenyas dararmaa jira jedhan.

Camsaa 20 ennaa kabajnu ayyaana qofaa miti. Dargiin kufee sirni haaraan bakka bu’uu qofaas miti. Amma qormaata haaraatu jira, kan sirni keenya balaa irra itti bu’e. uummati keenyas kan itti salphate. Abdiin isaan qaban kan itti dukanaa’e ta’uu hubannee kana keessaa attamiin ba’uu akka dandeenyu, akka Tigraayii fi akka biyyaatti attamiin keessaa ba’uu akka dandeenyu yaaduu qabna.

Hafuura haaraa dhaan gara badiisaatti utuu hin taane gara imala fooyya’aatti kan itti yeroo itti deemnu ta’uu yaaduu qabna jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG