Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadamoojjiwwan Waraanaa Kabajaa Maluuf Argachuu Qabu: Garee Kabaja Goototaaf Hundaa’e “Honor Flight Network”


Sagantaa gadamoojjiiwwan waraanaa siidaa yaadannoo waraanaa akka daawwatan carraa kennu Kanaan, hanga ammaatti gadamoojjiwwan waraanaa kuma 160 ol ta’an hirmaataniiru.

Kanneen keessaa Russel Graddick jedhamu. Gadamoojjii waraana Veetnaami.

Russel akka jedhanitti ji’a darbe naa bilbilanii ni deemta jedhanii natti himan. Xayyaara torban kana keessa bala’liuun akkandeemu na ramadaniiru jedhan.

Ernest Burgess, gadamoojjii waraana addunyaa lammataa ti.

Hagas nama kabaja argachuuf malu ta’ee illee miti. Garuu nama yeroo sana turee kabajaa kennuun namatti tola jedhu.

Gara Waashingtonitti imaluuf ennaa ka’an dursee ganama barii maatiiwwan gadamoojjiiwwan waraanaa dabalatee kanneen imala sana fedha ofiin qindeessan sagantaa magaalaa Orlaandootti qophaa’e irratti wal ga’an.

James Hart, “Space Coast Honor Flight” kan jedhamu balalii gadamoojjiiwwan waraanaa baatu kanaaf daayrikteera.

US keessa kanneen jiran bakka balaliin ka’u 135 keessaa tokko kan keenya. Waggaa waggaatti balaliiwwan torba qabna. Gadamoojjiiwwan waraanaa 25, waardiyaalee 25 fi hojjettoota balalii ja’a waliin imalla jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG