WAASHINGITAN, DIISII —
Hojjettoonni Sudaan hookkara hoji dhaabinsa guyyootii lamaa har’a jalqabanii jiru. Waldaan hojjettootaa, dhaaboliin ogeessotaa akkasumas paartileen siyaasaa waliin ta’uu dhaan bulchiinsi waraanaa aangoo mootummaa siviliitti dabarsee akka kennu dhiibbaa gochuuf hookkara hoji dhaabinsaa kana labsan.
Mariin gamtaa hojjettootaa fi bulchiinsa waraanaa gidduutti geggeessame torbanneeniif danqamee jira.