Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Daawwannaa Jaappaanitti Geggeessan Xumuran


Ennaa Chaayinaan cimaa jirtu kanatti wal ta’iinsa waraanaa Jaappaanii fi Yunaayitid Isteetis gidduu cimsuu irratti mari’achu dhaan prezidaant Doonaald Traamp daawwannaa isaanii guyyoota afuruu Jappaanitti geggeessan xumuranii jiran.

Muummichi minsteeraa Jaappaan Shiinzoo Abee har’a ganama prezidaant traampiin “JS Kaga” kan jedhu doonii waraanaa Helikoopterri irra balal’iuu danda’u irratti keessummeessanii jiran. Dooniin waraanaa kun dhiyeenya Ameerikaa dhaan kan hojjetame jeettii waraanaa F-35 ka jedhu akka irra balal’iu godhamuun hojjetame.

Hoogganoonni lamaan hasaa dhageesisaniin Chaayinaa maqaa dha’uu baatan iyyuu, Chaayinaan galaana Paasifik irratti kan isheen qabdu ejjennoo cimaan kan isaan yaaddesse ta’uun ifaa ta’uun isaa ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG