Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Baqttoota Trippoolee Keessaa Gara Xaaliyaaniitti Geesse


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Jarmayaan baqattootaa kan tokummaa mootummootaa baqattoota Libiyaa keessa turan 149 kanneen dahata siyaasaa gaafatan magaalaa waraanaan bututte Tripoolii irraa gara Xaaliyaaniitti geessuu isaa beeksisee jira.

UNHCR baqattoota kana keellaa Room cina jirutti kan geese kamisa har’aa ture. Baqattoonni kun lammiiwwan Eertraa, Somaaliyaa, Sudaanii fi Itiyoophiyaa irraa yoo ta’an kanneen keessaa 65 ijoollee dha. Ijoollee kana keessaa 13 umuriin isaanii waggaa tokkoo gadi.

Baqattoonni kun baatii hedduu fi waaltaa hidhaa Tripoolii kan haala suukaneessaa keessa jiraataa turan jedha UNHCR.

Liibiyaatti ambaasaadderri Somaaliyaa Muhhaddiin Mohammed Kalmoy akka jedhanitti lammiiwwan Somaaliyaa kanneen Tripoolii dhaa kaafaman haala keessa jiran nuuf ibsaniiru. Haa ta’u malee kanneen Roomitti geessaman haala isaanii gaafachuuf angawaa UNHCR argachuu hin dandeenye jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG