Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Afgaanistaan Keessatti Raawwate Lubbuu Namaa Galaafate


Haleellaan boombii of wareegaa jimaata har’aa waraana biyyootii alaa kanneen Kabuul keessaa irratti fuuleffate siiviloota lammii Afgaan afur yoo ajjeesu loltoota ameerikaa afur madeessuu angawoonni Afganistan beeksisaniiru.

Waraanni Yunaayitid Isteetiss haleellaa magaalaa galma mootummaa Afgaanistaan keessaa mirkaneessee, miseensota waraanaa irra miidhaan ga’e xiqqoo dha jechuu dhaan ibsa itti dabalaa garuu hin kennine.

Haleellaa magaalaa jamaan itti heddummaatu kan Kabuul magaalaa Jalalabad gama bahaa kanaaf Talibaantu itti gaafatama fudhate.

Dubbi himaan minsitrii dhimmi keessaa Afgaanistan Nasrat Rahimii kanneen miidhaman keessaa namoonni daandii sana irra darbaa turan hedduu dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG