Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bona hammaachaa dhufee fi gatii bunaa kasaaraa deemuf warrii Keenyaatti buna oobrachuun jiraatu mala bulti barbaadachuutti jira


Coffee and Coffee Beans
Coffee and Coffee Beans

Bunaa fi nagaa hin dhabinaa!
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00

Keenyaan Afrikaa keessaa buna qabaachuun shaneessoo jirti.Dhandhama buna isiitiin buna akka akkaa qabdi: AA,ab,c,pb…

Warrii bunaan bulu amma mala bultii dhawachuutti jira.ooseph Wahinaanihaa jaarsa ganna 71ti. Eegii biyyitii isaa Biritish jalaa baatee maasaa bunaa hedduun qabuun fidama.

Finnii isaatuu kanuma qonna kanallee guddoo jaalata.Eegii gabayaan buna addunyaa kasaartee buna dhaabuulleen dhiba tahuutti jiraachuun ammoo qalbiin isaalleen gara gabayaa dhibii dhaquutti jirti.

"Muka bunaa ciree balleessee bunaayyuu ufi dhiisee horii aananii horachuu fedhaayyuu. Booyyee,lukkuu horiisuu fedhaayyuu. Lukkuuyyuu waan dansaa jalaa argatta.”

Qonnaan bultootii maasaa bunaa didiqqaa Keenyaa qabaniiyyuu buna isaanii ciruutti jiran.Warrii buna qabulleen bunaa midhaan dhibii walti oobratee jireenna wayyeeffachuu fedha.

Morris Ikonya ammoo buna hin jibbaanne, bunaa fi midhaan dhibii wal keessa facaafata.

"Jibbaadhee biraa deemuu hin dandahu.Tanaaf midhaan wal makee facaaca.Oobruu abbaa marqoo fi bododaa qaba.Akkanuma jechaa mala bultii dhawadhaa jedha.”

Ikonyaan waan hedduutti buna jibbaachise. Ji’atti doolara 200 baasee dhukkuba muka bunaa irraa dhowwa.

Gatiin gabayaa bunaa addunyaa kiiloon tokkoo haga beesee 30 kasaarte.Yoo gabayaan tolte kiiloo tokko jalaa beesee 70 argatan.

Joseph Kihinyee koree gabayaa bunaatii fi jireenna warra bunaan buluu wayyeessuuf hojjattu keessa jira.Akka qonnaan bulaan midhaan bunaa dansaa argatuu fi muka bunaa dansaa qabaatan hojjata.

"Haga ganna sadii akka mootummaan gabayaa buna horiin gargaaru faluutti jirra.Akka buna kiiloo dansaa argatan feena.”

Nama haga tokko ammoo mootumaan gabayaa bunaa tana horiin gargaaruun waan armaan durattuu tahuu male.

Namii akka Wahinaaniyaa faatii ammoo gabayaa buna addunyaa oli kaate arguu fedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG