Xurree ittiin seenan

Breaking News

Musliimoota addunyaa irra jirtan Baga Nagaan Geessan : Prez. Traamp.


Pirezdaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp fi haatii warraa isaanii Melaaniyaa Traamp ayyaana EID AL FAXIR ilaalchisuudhaan musliimoota addunyaa irra jiraniif dhaamsa baga ittiin sin ga’e dabarsanii jiru.

Musleemoonni Amerikaa keessaas ta’e guutummaa addunyaa irra jiraatan yeroo soomana ramadaan kanaatti warra dhabeessa ta’an gargaaruuf waadaa seenan kan itti haareessan, amantii Rabbii irratti qaban kan itti jabeeffatan akkasumas musleemoota biroo waliin fuula rabbi turuuf carraa argame jedhan.

Kanneen EID AL FAXIR kabajan mara biratti ayyaanichii gammachuu fi Nagaa akka ta’u ni abdanna kan jedhan Traamp haawaasaaleen addunyaa mara irra jiran eebbaa, jaalala dhiifamaa fi fedhii waaqayyoo isa daangaa hin qabne sana akka hubataniif ni kadhanna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG