Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Briteen Seenanii Jiru


Prezidaantin Yunaaytid Isteetes Donald Traamp daw’annaaf Briteen seenanii jiru.Imaltuu isaanii Kanaan maatii warra mootii wajjiin kan wal arguuf jiran yoo ta’u afeerraa irbaata kan kabajaa irratti mummitti ministeera Briteen kan aangoo gadhisuuf jira Teresaa May waliin argamuuf jiru.

Prezidaant Traampii fi haatii warraa isaanii Melaniyaa Traamp har’a helikoptaraan masaraa mootii “Baakingham Palaas” jedhamu yeroo dhaqqaban mootittiin Briteen Elisaabetiin simataman.

Kabajaa jiru agarsisuuf jecha yeroo 41 qawween kan dhukaafame yoo ta’u waardiyyaa kabajaa eega daw’atanii booda Traamp Mootittii Elizaabeet waliin laaqana nyaachuuf ol seenan.

Motiittiin Elizaabeet laaqana booda Traampii fi haadha warraa suuraalee masaraa mootii keessa jiru dawwachiisan.

Prezidaant Traamp Waashingitan gadhisanii ituu hin ba’iin dura akka jedhanti imaltuun kun akkaan gaarii akka ta’u kanaanis Amerikaa fi Briteen giddutti walii galtee daldalaa guddaa gara fuula duraatti tolfanna jedhan.

Briteen jeeqama siyaasaa guddaa keessa ituu jirtuu daw’annaan Traamp kun gaggeeffamaa jira.Mummittiin ministeera Briteen Teresaa Meey aangoo gadhisuuf kan jiran ta’u beeksisanii turan.

Kunis akkaataa itti Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa ba’u qabdu xumursisuu waan hin dandeenye ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG