Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Lubbuu Galaafatan Seera Duratti Dhiyaachuu Qabu: Antoniyoo Gutarrees


Humnootiin nagaa eegsisan kan Sudaan Wiixata Waxabajjii 3 bara 2019 kanneen Kaartuum keessatti mormii gaggeessaa turan irratti haleellaa gaggeessuun eega lubbuun namoota 35 galaafatanii booda Kaawunsiliin waraana Sudaan walii galtee Mormitoota siiviloota mormii dhageesisan waliin kanaan dura tolfate haquu isaa beeksisee jira.
Kanaaf mootummaa haaraan hundeeffamuuf jiru hanga baatii sagal booda filannoon gaggeeffamuutti biyyatti kan bulchu ta’u hogganaan kaawunsilii ce’umsaa kan waraana Sudaan beeksisee jira.
Janaraal Abdel Fattaah al-Burhan akka jedhanti mootummaa haaraan battalumatti akka dhaabatu ibsan.Filannoon gaggeeffamuuf jirus to’attooota kutaa fi kan addunyaatu irratti argama jedhan.
Barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa AntoniyooGutarrees dhaabatoota tajaajiila eegumsa fayyaa keessatti humnootiin nageenyaa haleellaa gaggeessuun isaanii rifaasisaa dha jedhan.
Angawoonni mootummaa Sudaan qorannaa gaggeessuun kanneen lubbuu galaafatan seera duratti dhiyeessuu qabu jechuun hubachiisan Gutarrees
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:37 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG