Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Talibaan Waliin Marii Itti Fufuuf Jetti


Yunaayitid Isteetis Talibaan waliin marii marsaa ka biroo baatii kana Qaataar keessatti geggeessuuf ka jirtu ta’uu beeksiste.

Kunis dangaa marii nageenyaa garee lootee seentota Afgaanistan kana waliin jiruu fi danqame xumuraan ga’uuf marii haaraa kan jalqabdu ta’uu iseef Paakistaaniin dabalatee biyyoonni naannoo deggersa akka godhan gaafatteetti.

Mariin mormitoota walii lamaan gidduutti geggeessame waggaa tokko dura kan jalqabe yoo ta’u, waraana waggoota 18f Afgaanistaan keessatti geggeessame xumuraan ga’uu irratti fooya’ina argamsiisee jira.

Adeemsi sun garuu ennaa Taliban lola dhaabee marii nageenyaaf gad taa’uu dura loltoonni Ameerikaa martinuu Afgaanistaan keessaa haa ba’an jechuun gaafatetti danqame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG