WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaant Doonaald Traamp oomisha Meeksikoo irraa ga’u irra dilaala dhibba irraa harka shan kaa’uu mala jedhan.
Traamp kana kan dubbatan London keessatti ennaa tuuta oduu fi ibsa kennanitti ture. Angawoonni Meeksikoo fi Yunaayitid Isteetis waa’ee dilaalaa fi kooltu galtoonni Ameerikaa waaltaa karaa Meeksikoo ba’uu dhaan Ameerikaa Seenaniif kan Traamp dhorkuu barbaadan irratti mari’ataa jiran.
Meeksikoon jedhan Traamp weerara biyya keenya irratti geggeessamu dhaabisisuu qabdi jechuu dhaan koolu galtoota miliyoonaan laka’aman kanneen Guaatmaalaa, El Salvador fi Honduraas kanneen hiyyummaa fi hookkara biyya ofii keessaa baqachuun Yunaayitid Isteetisiin seenan mormaniiru.