Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezi.,Tiraampi imaltuuf Biriteyin jira bulchootaa fi maatii nugusaatiin wal mari’ate, nama kuma hedduutti hiriira mormi itti bahellee


Trump
Trump

Pirezidaanti Tiraampi imaltuu Awurooppaatti dabreef Biriteyin jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00

Pirezidaantiin Amerikaa Donaldi Tiraampi imaltuuf Awurooppaa jira,Biriteyinitti goree ulfinna isaatiif qawwee dhaannaniif baandii yaasanii simatan.

Biriteyin waldaa Awurooppaa, EU keessa ufi baasuuf itti jiraattullee US qalbuma tokkoon UK waliin hujii daldalaa qabaatti jedhee waadaa galeef,Tiraampi

“Hujii daldalaa hidda jabeeffatte qabaanna jedhee herrega.Daldala namuu faaydaa keessaa qabau jarii kiyyalleen fedhu keessanilleen fedhu qabaanna seha.”

Dhaabii teknoloojii Chaayinaa,Huawei doorsisuutti jiraatullee Amerikaa akkuma durii oduu nagaa addunyaa Biriteyniin wal odeeffatti jedhee mirkanseef.

Muumee Ministera Bitireteyin,Teresa May hujii irraa bu’uutti jirtuun ammoo jabduu hujii akka malee dansaa hojjatte jedhee faarse, Tiraampi.

Haa taatuutii malee Londonitti nama kuma hedduutti dhufuutii Tiraampi tana jibbee Londonitti hiriiraa itti baafate.

Maanif hiriira akka itti bahan gaafannaan “media dharaa kaanti dhara dhugaa tolchee haasaa malee ani nama diqqaa tokko arguutti jira,” jedhe Tiraampi.

Bulchiinsii Muummee ministera Biriteyin Thresa May Amerikaa waliin siyaasaa Iraanii fi jijjiirama qilleensa addunyaa irratti yaada tokko qabaachuu baattullee hariyummaa biyya lamaanii guddo jaalatti.

Teresa May Biriteyin biyya isii waldaa Awurooppaa keessaa baasuuf itti gamtee hin taaneef hujii irraa bu’uutti jirti.

Eennutti hujii tanatti dabaraan mirkanaa miti taatullee Tiraampi minsitera haajaa alaa biyya sunii,Boris Johnson fedha.

Itti gaafatamaa paartii mormituu, labor party,Jeremy Corbyn,Tiraampiin walii hin galuu nagaallee wal hin fuune.

Bulchaan London, Sadiq Khaan ammoo Biriteyin akka mootummaatti Tiraampi simachuu hin malle jedha.

Tiraamii fi jaartiin isaa, Melaniyaa Trump galagala kana maatiin nugusaa waliin mana ngussaatii sagalee nyaatan.

Pirezidaanti Tiraampi imaltuu London fixannaan acumaan imaltuu dhibiif Faransaayii Ireland dabree qophii waraana addunyaa itti wal gargaaranii Nazi Faransaay keessaa baasa,D-Day keessa oola.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG