Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Sudaan Rakkoo Jiru Akka Furtu Gaafate


Sudan keessatti hamma mootummaan bulchiisa sivilii gad dhaabatutti hojii mara irraa akka addaan kutu gamtaan Afriikaa beeksisee jira.

Gumiin nagaa fi nageenya gamtaa Afriikaa kana kan beeksise kamisa har’aa ennaa hoogganoonni mormitootaa Sudaan gaaffii gurmuun hooggana waraanaa hegeree siyaasa biyyattii irratti mari’achuuf dhiyeesse fudhatama dhabsiisanitti ture.

Hoogganoonni mormitootaa akka jedhanitti erga haleellaa torban kana humnootiin waraanaa raawwatanii booda gaaffiin mariif dhiyaate sun kan dhugaa irratti hundaa’e miti jedhan.

Doktoroonni kanneen deggertoota mormitootaa roobii kaleessaa lakkoobsi namoota du’anii 108 ga’eera jdhan. Minstriin eegumsa fayyaa Sudaan ibsa baaseen lakkoobsi kun 46 hin caalu jedhee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG