Pirezidaantii Faransaay Emmanuheel Makroon waliin godina Normdaandey fulaa waraana Amerikaa waraana addunyaa lammeesso irratti dhuamte itti awwaalan naanno Colleville-sur-Mer, waliin dhaqan.
Waraana Amerikaa 9,000 achitti awwaalan. Faransaay harka
Pirezidaant Maakroon waraana Amerikaa Faransaay bilisoomsuuf lubbu ufii kenna jedhe galateeffate.Lubbuu warrii kennetti Awurooppaa fi Faransaay jijjiire.
"Waan waraana keessaniif kenninu nutti beeka. Bilisummaa teenna kenninaaf. Maqaa biyya tiyyaatiin galata isanii galcha jedhe.”Tiraampilleen isanii jiraannee galata isanii qaman jedheen.
"Hariyootaa fi jaallowwan teenna cufaanuu akka wal jaalannu mataa waraanaatti argine, murtii waraana keessatti hubanne,dansooma nagaatiin mirkafanne.Wannii gargar nu baasaa hin jirtu."
Qophii sun irrartti pirezidaanti Maakroon waraana Amerikaa lola sun irraa hafe shan badhaase.
Waraanii addunyaa lammeessoon ganna 75 duraa addunyaa gama gamaan wal aate sun nama miliyoona 80 caalutti irratti dhumate.
Bulchootii akka pirezidaanti Tiraampi faatii lubbuu warra gaafas dhumatee ulfeessuuf Biriteyin haga Faransaay irra maran.