Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iskindir Naggaa Dorsisuu Dhaabaa: Amnestii Intarnashinaal


Iskindir Naggaa
Iskindir Naggaa

Gazexxessaa fi kan Amnestiin Intar Nashinaal nama yaada sammuu isaaf hidhame jechuun gabaasaa ture Iskindi Naggaa har’a buufata Televiziyoonaa banuuf jiru kan ilaaleen ibsa kennuuf turee Finfinnee keessatti polisoonni dhaabsiisan jechuun Amnestii Intarnaashinaal gabaasee jira.

Poliisonni ulaa gara Hoteela Hiltoon itti seenan cufuun Gazexxessaa Iskindir fi hirmaattoota kaneen biraa akka deebi’an godhan jedha Amnestiin.

Waxabajjii 3 bara 2019 haala wal fakkaataan ibsa Iskindiir Hoteela Itiyoophiyaa keessatti waa’ee Televiziyoona banachuuf jiru ibsa kennuuf ture polisiin eega ugguuree booda inni ammaa kun dhaga’ame.

Gochi kun kan yaada isaa ibsachuun beekamu Iskindir Naggaa akka mufatuu gochuuf akkasumas mirga yaada ofii ibsachuuf qabu danquu dha jedha Amnestiin ibsa barreeffamaan baaseen.

Kun gocha fudhatama hin qabne fi dhaabchuu qabu sababiin isaas seerri Itiyoophiyaa ibsii gaazexxesotaaf kennamu ehama argachuu hin qabu jedha jedhe.Polisiin ibsa kennamuu dhaabsisuuf mirga hin qabuus jedhee jira.

Deggertonni Iskindir Naggaa akka jedhanti kan har’a ibsii kun akka hin kennamnee ittisee humnootii tika nagaati malee polisoota miti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG