Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimed Aksumiin Daawwatan



Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed jiraattota magaalaa Aksum waliin erga mari’atanii booda magaalaa Aksum keessaa kan walitti dhufan abboota amantii, jaasolii biyyaa fi dargaggoota qaama hawaasa adda addaa irraa dhufan waliin mari’atanii jiran.

Ennaa marii isaanis siidaawwan Akusm miidhaan irra ga’eef furmaati akka kennamu gaafataniiru. Siidaawwan kun kan biyyaa qofa utuu hin taane hambaa seenaa addunyaa waan ta’aniif mootummaan ilaalcha itti kennuu qaba, rakkina bishaanii magaalattii hanqisuuf mootummaan deggersa akka godhu gaafataniiru. Magaalaan Aksuum daawattoota kan hawattu waan taateef misoomni bu’uuraa gutamuufiin akka irra jiraatus gaafataniiru.

Sirna federaalaa fi heera biyyaa hojii irra oolchuu dhaaf ilaalchi kennamuufii qaba jechuu dhaan jiraattonni kun ennaa marii sanaa gaafataniiru.

Filannoo dhufaa jiru ilaalchisee hagam amansiisaa dha kan jedhuun fi naannolee hanga tokko keessaa nageenyi dhabamuun wal qabatee gaaffilee hedduu kaasaniiru.

Muummichi ministeerichaas deebii kennaniin rakkoon bishaanii kan magaalattii mootummaa naannoon deebii akka argatu tuqanii, mootummaan Federaalaa deggersa akka godhu dubbataniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG