Xurree ittiin seenan

Breaking News

Teessoo Obbo Getaachoo Asaffaa Poolisiin Federaalaa Argachuu Hin Dandeenye Jedhame


Poolsiin Federaalaa, teessoo Obbo Getaachoo Asaffaa faa argachuu waan hin danda’iiniif, ajaja mana-murtii irraa itti ergame dhaqqabsiisuu akka hin danda’iin har’a mana-murtii Federaalaa, Radaddii Lidetaa, Dhaddacha tokkoffaaf ibsee jira.

Koomishina Poolsiii bulchiisa naannoo Tigiraayiif, xalayaan tumsa gaafachuu akka barreessamuufis mana-murtichaa gaafatee jira.

Abbaan-alangaa immoo gama isaatiin, Obbo Getaachoo Asaffaa dabalatee kanneen “malaa-mmaltummaa sadarkaa ol’aanaan” himammaa irratti dhiheesse namoonni afur, gaazzexaadhaan akka waamamaniif manicha murtiitti iyyate.

Manni-murii ammo dhimma isaa qoratee murtii kennuudhaaf, guyyaa biraatti beellama kennee jira – gabaasaan keenya – Melleskaachew Amahaa Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG