Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Traamp, biyyi isaanii walii-galtee waa’ee godaansaa fi naga-eegumsaa isaa baay’ee barbaachisaa tahe – jedhan, Meksiikoo wajjiin mallatteessuu ishee dubbatan.
Qabiyyeen walii-galtee kanaa maal akka tahe waan ifatti dubbatan hin jiru.
Har’a madda oduu CNBC irratti waa’ee kanaa ennaa dubbatan, “uummata hedduu Ameerikaa giddu-galaa irraa gara Yunaayitid Isteetisitti godaanu to’achuuf, walii-galteen amma mallatteessame kun meeshaa gaarii dha” joedhanii, Yunaayitid Isteetis, waggoota digdamaaf walii-galtee akkanaa Meksiikoo irraa akka eegaa turte hubachiisan.
Tahus, aangawoonni Meksiikoo fi Yunaayitid waliigaltee kana dubbatan, qabiyyee walii-galtichaa akka ifatti hin ibsine walii-galan – jedhu – Traamp.