Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.Tiraampii fi itti aanaan pirezidaanti Obaamaa ka durii,Joe Biden duula filannoo US 2020f goinda Iowa keessati walti dhufan


FILE - Former Vice President Joe Biden speaks in Collier, Pa., March 6, 2018, and President Donald Trump speaks in the Oval Office of the White House in Washington, March 20, 2018.
FILE - Former Vice President Joe Biden speaks in Collier, Pa., March 6, 2018, and President Donald Trump speaks in the Oval Office of the White House in Washington, March 20, 2018.

Amerikaan ji’a 17n duubatti pirezidaantii filatti.Pirezidaanti Tiraampi ganna afran lammeessoof filatamuuf dorgoma,itti aanaan pirezidaanti Obaamaa ka durii Joe Biden ammoo Ameikaa bulchuuf dorgoma.

Godini Iowa fulaa warrii hujii pirezidaantummaa tanaa dorgomu yoo hedduu duula filannootiif itti yaa’u.

Tiraampi Paartii Rippaabilikaanii dorgoma Baayden Demokiraati.

Demokiraatota keessaa nama haga 20 tahutti Tiraampi irraa mootummaa fudhachuuf Amerikaa gama gamaan itti baafatee akka ummatii bahee filatu kadhachuutti jira.

Tiraampii fi Baayden jaarrolee ganna 70 keessa jiran dhiyoo tana afaan wal qoqqolaa,akka biyya itti bulchan irratti walti dheekkamaa hardha Iowatti walti dhufa.

Jarii kun yoo akkana yaahu biyyaan bahaa na filadhaa qofaa mitii achumaan akka horii duula dorgommiitiin deemsifatan gumaachaniif gaafata.Filannoo Amerikaatiif dorgomuuf horii miliyoona hedduu itti baasan.

Biirolee banachuu,filannoo deemamni dorgomuu fi nama hujii tanaa qaxarachuu fi waan hedduu.Tiraampii fi Baayedn duruu dubbiin wal qoqqolan.

Tiraampi Baaydeniin “raatuu womaa hin beenne” Baayden ammoo “Tiraampiin wal dorgoma jedhee dhoqqee keessa hin seenu” jedhe.

Sun malee akka Baayedn jedhutti “Tiraampi biyya afaan balaa” buusu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG