Dhimma Sudaanitti gorsaan addaa muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa ambaaasaadder Muhamud Diriir gareen lamaan kan Sudaan mariif gad taa’uuf tole jechuu isaanii ibsaniiru.
Gareen hooggana waraana yeroo ce’umsaa fi mormitoonni Sudaan marii kana dura geggeessamaa ture itti fufuuf qabxiilee hanga tokko irratti walii galuu isaanii Ambaasaadder Mohamud Diriir sabaa himaaf ibsanii jiran.
Gaaffii fi deebii VOA waliin geggeessaniin walii galteen kun irra ga’amuun muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed humnootii siyaasa adda addaa haasofsiisuun yaalii isaan walitti fiduuf godhaniin ta’uu dubbatan. Walii galteen irra ga’ame maal akka ta’e illee ibsaniiru.
Sadarkaa amma irra ga’ameen jedhan Ambaasaaddor Mohamud gareeleen lamaan walii walii isaanii himachuu fi maqaa wal balleessuun akka dhaabatu akkasumas Itiyoophiyaan jaarsummaan gidduu seenuun humnoota wal morman qofaa utuu hin taane uummaticha birattis fudhatama argachuu isaa dubbatan.