Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Naannoo Somaalee Godaantotaaf Mana Ijaarra jedha.


Sababa Bulchiinsii Naannoo Somaalee Godaantotaaf Mana Ijaarra jS walitti bu’insaan kan ka’e Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Affaar irraa goodaanuun Dirree Dawaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee keessa kanneen jiran godaantoota kuma 600 fi kuma 65 mootummaan bulchiinsa naannoo Somaalee dhaabbataan qubachiisuuf kan jiru ta’u beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Somaaleetti hogganaa Biroo yaaddoo Balaa kan ta’an Obbo Mohammad Fattaah raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti abbaa warraa kuma 20f godiinaalee somaalee 7 keessaa kan filaman bakka 22 keessa qubachisuuf karoora qabu.

Kanaafis kan oolu qarshii Biliyoona 4.9 kan barbaachisu yoo ta’u yeroo ammaa kanatti bulchiinsii naannoo somaalee Qarshii miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona digdama baasee manneen 600 torban kana ijaaruu jalqabu ta’u beeksiise.

Maallaqnii inni hafee mootummaa Fedeeraalaa fi jaarmayoota gargaarsaa wajjiin wal ta’uun baasuuf karoorfachuu Addis Chakol gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG