Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytis Isteetes Waajira Misooma Sadarkaa Addunyaa Somaaliyaa Keessaa Qabdu Deebistee Bante.


Yunaaytid Isteetes waajiira misooma sadarkaa addunyaa ykn USAID Somaaliyaa keessaa qabdu kan bara 1991 cuftee turte waggaa 28 booda irra deebitee bantee jirti.

Yunaaytid Isteetes Somaaliyaa waliin hariiroo diploomaasii sirnaawaa qabaattee kan hin beekne yoo ta’u Embaasii ishee bara 1991 cufte.

Kunis wal waraansii sivilootaa kan baroota 1980taa keessa ture mootummaa waaltaa aangoo irraa waan buuseef ture.

Wiixata Waxabajjii 17 bara 2019 jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Amerikaa ykn USAID akka labseetti gargaarsa dhala namaaf kan oolu Dolaara miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona saddeettamii ja’a uummata Somaaleef kennuuf jira.

Kunis lubbuuf sodaachisaa kan ta’e wabii nyaataa argamsisuuf akkasumas dhukkuboota hanqiina nyaataa wajjiin wal qabatan akkasumas bishaan qulqulluu fi tajaajiila eegumsa fayyaa kennuuf oola jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG