Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongoo Keessatti Hokkarri Gosaa Hammaachuun Ibsamee Jira


Jaarmayaan waa’ee koolu-galtootaa ka Tokkummaa Mootummootaa(UNHCR) Ripubilikii Dimookiraatawa Koongoo kutaa Ituurii keessatti hookkarri hawaasaalee gosootaa gidduutti deemu daran hammaachuu irraa kan ka’e baatii kana keessa qofa namoonni kuma dhibba sadi’ii ol tahan qehee ofii dhiisanii baqachuu gabaasee jira.

Haallii jiru hammataa deemuun kun kutaa sana keessatti uummata hedduu godaansiisa sodaa jedhu qaba dhaabnii baqattootaa.

Gama kaaniin ajjechaa, butiinsa, qaama namaa kukkutuun akkasumas humnaan gudeeduun akka jiru gabaasnii eega nu dhaqqabe booda nageenya uummataa kan ilaaleen yaaddoo guddaa qabna jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:42 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG