Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iboolaan Ripubilikii Koongoo Irraa Gara Daangaa Yugaandaatti Cehuun Daldala Biyyota Lameenii Guutummaatti Danqe


Torban dabre keessa, Vaayiresiin Iboolaa, Ripubilikii Koongoo irraa daangaa Yugaandaatti cehee, haga ammaatti lubbuu namoota lamaa galaafachuun isaa eega beekamee booda, hojii daldalaa naannoo daangaa biyyoota lameeniitti geggeessamu guutummaatti danqee jira.

Daldalaan Lammii Yugaandaa Raafaa’el Masarekaa fi daldaltoonni ka biroon biyyoota lameen gidduu deddeebi’an akka jedhanitti, daldaltoota Rippuubilikii Dimookiraatawa Koongoo irraa dhufan akka harka hin fuune akeekkachiisni kennamee jira.

Waldaan Fannoo Diimaa, ulaalee daangaa Ripubilikii Dimookiraatawa Koongoo irraa gara Yugaandaa irratti, sakattaa geggeessaa jira.

Loltoonni Yugaandaa daangaa eeganis, rasaasawwan seeraa alaa Koongoo irraa galfaman akka eegan dirqamni itti kennamee jira. Garuu, waan kanatti qophaawan miti. Akka daldaltoonni daangaa biyyoota lameen irra jiran, yaaliin daddarbuu dhukkubichaa oolchuu danda’uu isaa irratti abdii malee, amantaa guutuu hin qaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG