Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawoonni Waraanaa Yunaayitid Isteetis Haleellaalee Dooniilee Zayitaa Illachisee Yaada Kennan


Aangawoonni waraanaa Yunaayitid Isteetis, ragaaleen walitti qabaman – haleellaalee Galoo Pershiyaa irratti dooniilee zayita boba’aa fe’atan irratti geggeessamaniif gara Iraanitti akka agarsiisan cichanii dubbataa jiran.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp, haleellaa sana akka waan xiqqaa tokkootti salphisanii dubbataniyyuu, aangawoonni waraanaa kun garuu, “Iraan gochaa kanaa mallattoo akeekkachiisaa cimaa agarsiiste” jedhu.

Hariiroon Yunaayitid Isteetisii fi Iraan gidduu gad sigigaataa deemuu ka jalqabe, Caamsaa bara 2018, Prezidaant Traamp walii-galtee sadarkaa Addunyaa akka Iraan oomisha Niyuukilaraa dhaabdu gochuuf mallatteessamee ture keessaa Yunaayitid Isteetsiin baasanii booda.

Achii booda, prezidaant Traamp, uggura dinagdee Iraan irraa kaasamee ture itti deebisanii, inumaa daran irra kaayan.

Dhiibbaan uggurri kun itti fide Iraanitti dhaga’amee jira – jedhu – aangawoonni waraanaa Yunaayitid Isteetis kun. Kan dhiibbaan kun irraa ka’uu danda’u yoo Iraan gad-teessee Yunaayitid Isteetis waliin mari’atte qofa akka tahellee dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG