Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mohammed Morsiin Har’a Awwaalaman


Prezidaantiin Masrii duraanii, ka yeroo duraaf filannoo dimookiraatawaadhaan taayitaa qabatanii fi booda immoo taayitaa irraa buusaman – Mohammed Morsii, kaleessa mana-murtii keessatti kufuun eega du’anii booda har’a awwaalaman.

Kaleessa Morsiin gara Hospitaalaatti hatattamaan geessaman iyyuu, ennaa achi dhaqqaban, dhibee onneetiin lubbuun isaanii bahe.

Gareen Abukaatoolee Morsii akka jedhanitti, sirna geggeessaa reeffaa fi kadhannaa har’a Masjiida mooraa hidhaa Kaayiroo keessatti eega raaw’atameefii booda, godinaa Kaayiroo – Naasir Siitii jedhamtu keessatti awwaalaman.

Ilm Morsii – Ahimed akka jedhanitti, dhaabbatoota tikaa tu akka Morsiin, bakka awwaalchaa maatii isaanii, ka magaalaa dhalata isaanii – kutaa Shaarqiyaa keessaatti akka hin awwaalamne dhorke.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG