Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoo Telekoom Tajaajila Interneetii Citee Ture Bakkatti Deebise


Itiyoophiyaa keessaa guyyoota hanga tokkoof interneetiin erga addaan cite booda hojjechuu jalqabee jira.

Kan interneetii biyyattiif raabsu kampaniin tokkichi Itiyoo telekomom torbanneen darban keessa maamiltoonni miliyoona 15 ta’an social miidiyaa fi internetii fayyadamuu erga dhabanii booda tajaajila isaa kaleessa bakkatti deebisee jira.

Tajaajilli kun addaan cituu telekoom amanee, maamiltoonni isaa taaggoluu isaaniif dhiifama gaafatee jira.

Mootummaas haa ta’u Itiyoo telekoom maaliif tajaajilli interneetii akka cufame hin dubbanne, garuu akka hamee jirutti barattoonni qormaata sadarkaa biyyoolessaa fudhatan qormaata akka hin hanneef jecha jedhamee jira. Bara 2016 fi 2017 mootummaan deebiin qormaata biyyoolessaa miliqee akka hin bane ittisuuf tajaajila interneetii cufuun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG